Gareen lammiiwwan Afriikaa uffee Sahaaraa gadii 104 ta’anii fi bidiruu laastikaan deemaa turan andaara galanaa Liibiyaa irraa fageenya kiiloo meetra 25 irraa jiran baraaramuuf eegaa jiru. (Rooyters)

Gabaasan: Abdulaaziz Osmaan Niikolaas Pinawult
Gulaalan: Piit Koobus

Guraandhala 2016

Introduction

Awrooppaan baqqatoota lakkofsaan himuun nama dhibuuf buufata ta’un fi seenaan warra Siiriyaa, Iraaqii fi Afgaanistaan irraa waraana baqatanii godaananii midiyaa irratti oduu ijoo ta’uun ittuma fufeera.

Jireenyi fi haalli baqqattoonni Afrikaa, keesumattuu kan gamoojjii Sahaaraa irraa hamminaa jireenyaa fi jeequmsaa naanicha waliin dhahu jalaa baqatanii garuu oggaa imaala hammaataa kana giduutti yoo wayi ta’e malee dhageettii adunyaa argachuu hin dandeenye.

Bara 2015 qofa, lammiilee afrikaa gara 130,000-itti tilmaammamutuu   imala baqaa seene. Baqattoota kana keessa bayyen isaanii iyyummaa fi gadadoo hidda gadi fageeffatee jireenya guyya guyyaatii gufuu ta’e kan qaamonni tokko tokko “bu’aa haftee Koloniiti” jedhantu sababa. Haala kana baqataan Gaambiyaa dhaa bahee amma Room jiru mucaan  woggaa 16, Moorroo Saaneh, sirritti ibsee: “ gabaabummatt, akka namaatti jiraachuu barbaanna,” jedhe.

Baqqatoonni Gamoojjii Sahaaraatii kutatanii bakka hawwan gahuu dhaa bahanii karaa guguddan irra bu’an lama Liibiyaa, biyya mormii fi jeequmsa “Arab Spring” jedhamu irraa hin dandamanne qaxxaamura. Mohaammar Gadaafii  “ Galaannii Meditiraaniyaanii dirree  jeequmsaa ta’a,”  jedheet ture, dhuguma ta’ee argame.

Galaana guddaa fi gammoojjii hamataa of funduratti laalaa, baqqattoota kana murtii guddaatuu isaan eggata: imala du’aaf jireenyaa gidduu kana lubbuu isaanitti murteessanii itti seenu. Odeeffanoon jiru bara 2015 qofa qarqara Kibbaa Xaaliyaanitti namni  3,77 bishaanin nyaatamuu agarsiisa. Warrumti milkiin toleefii meditiraaniyaani cehanuu, abjuun jireenya jannataa sun battaluma gadadootti jala jijjirrama. Akkuma warra giddu gala bahaa, isaanis harkaa namoota seeran ala baqqattoota godaansisanii galanii cubbuu sukkanneensaan irratti godhama.Kaan immoo motumman biyya qubachuu yaadanii eyyama isaan dhowwata;kana lamaan gidduutti raakkaman. Seenaan isaanii akka armaan gadiitti dhihaata.

Hubachiisa: Koolu galtoota, baqatootaa fi godaantota edduu garagarummaa guddatu jira. Seenaa namoota gafiif deebin wajjin godhamee hunda mirkaneeffachuu waan hin dandeenyeef jechoota kana wal-keessa fayyadamneera

Kutaa 1ffaa: Karaa isaan qaxxaamuran

Godaantonni Afrikaa Niijer irraa haga handhaara galaanaa Liibiyaatti imala bala’amaa imalu. (Rooyters)  

Gabaasni Dhabata Dhimma Kooluugaltumma Addunyaa ( International Organization for Migration) kooluugaltoota Awrooppaa galan keessa harkki 90-ni kara Liibiyaa harki 10 immoo karaa biyya Masrii darbban jedha. Lammiwwaan Lixa Afrikaa – Bayyinaan Seenegaal, Gaanaa, fi Naaygeeriyaa warri dhufan- Tiripoolii gahuu dha dura Maalii fi Niigeer kessa darbanii Saabahaa,  Liibiiyaa galan. Walumaagalatti Tripoolii gahuuf maayilii 10,000 deeman, kaanitti torbban lama fixa. Warri kaan immoo imali biyyaa amma Tripooloon kun oggoota bayyee itti fudhata.

Baqatoonni Gaafa Afrikaa bayyinaan Ertiraa dha fi Somalee dha dhufan immoo Itoophiyaa, Keenya, Ugaandaa fi Suudan keessaa qaxaamuran

Viidiyoo Mobaayila harkaan waraabame ennaa koolu galtoonni lammiiwwan Somaaliyaa bidiruu namoota seeraan ala nama deddeebisan kan masriitiin galaana Mediteraaniyaan qaxxaamuran (odu gabaasaa VOA Abudulaziz Osman kaafame)

“Gamojjii sahaaraa keessa imaluun kan galaanaa caalaa hamaa dha. Galaana irratti hookan hin duuta, hookan bakka kaatef geecha, hadoodii fi rakkina dhuma hin qabnee garuu hin saaxilamtu,”.

– Hafsaa, Dubartii Somaalii Roomaa jirtu.

Karaan kolugaltoonni irra dhufan hundi Liibiyaatti wal-gaha. Liibiyaa edoo Xaaliyaani  Laampeedusaa jedhamu irra maayilii 160 fagaatti. Laampeedusaan Edoowan Peelajii (Pelagie Islands) jedhaman keessa gudittii fi kan Awrooppaatti dhihaattu.

Telefoona harkaa fi viidiyoo doonii Gamtaa Awurooppaa irratti (Gabaasaa VOA, Abduraahimaan Osmaaniin kan kaasame)

Bara 2015 namoota qehee ofii gadhiisanii godanaanii Awrooppaatti jigan keessaa harki 15  biyyoota Gammojji Sahaaraa Gadii (Sub-Saharan) keessaa dhufan. Awrooppaan erga Waraana Addunyaa Lammaffaatii baqqatoota ammana baayyatan hin argine. Imaltoonni kun hunduu kara Xaaliyaanitini han Awrooppaa galan. Biyyi tun namoota Gammoojjii Sahaaraa Gadii keessaa godanan baayyedhaf fillannoo ta’un ishii haaraa miti. Biyya akka Giriik garuu waraana Iraaq, Siiriyaa fi Afgaanistaaniituu lakkoofsa kooluugaltootaa itti baayyise.

Dhabbata Dhimma Kooluugaltumma Addunyaa  waajjira Roomitti  dura-taa’an damee Meeditiraaniyaanii, Fireederiikoo Soodaa haala kana akka armaan gadiitti ibsan.

“ Bara kana kooluugaltoota biyya Xaaliyaanii seenan laalchisee wanni adda ta’e hin jiru. Lakkoofsi isaanii han bara 2014-tin qixxuma. Biyya isaan irraa dhufanii fi sanyii isaanitu adda addummaa qaba malee. Siiriyaa irraa namoota muraasatu as dhufa, karaa Baalkaan. Baqqattonni kun baayyen isaanii lamiile Dhiha Afrikaati. Isaanis namoota carraa jireenya gaarii barbaada godaanani. Jarri kun garuu xiyyeffannon hin kennamneef, waayeen isaani hin haasahamu. Warra Dhiha Afrikaa caalaammoo han dagatamee namoota sababa nageenyaa dhabamuu  fi jeequmsaatiin Gaafaa Afrikaa irraa godaanani.

Waajjira Qindeessa Meditraaniyaan, Godaantotaa Sadarkaa Addunyaa (IOM) biyya Xaalyaanii magaalaa Room jiruuf Daayirektara ka ta’an, Federikoo Soodaa waliin gaaffii fi deebii geggeessame. Gbabaasaa VOA/Nicolas Pinault

Kutaa 2ffaa: Liibiyaa

Daangaa Liibiyaa Cina Kophee koolu galtootoonni keeyyataa turantu gammoojjii keessatti argame. (Rooyters)

Liibiyaan baqqattotaaf bakka wal-dhahaa dha; buufata isaani kan duraati, iddoo imala Meditiraaniyaani itti jalqabanis. Baqqattoonni gaafaanne hundi imala isaanii keessatti bakki yeroo dheera keessa turanii fi han fun-durri isaani itti murtahuu Liibiyaa ta’uu dubbatan. Biyyi kaaba Afrikaa, bar tokkoo baqqattota gamoojii gadii Afrikaatif madda hojii turte tun amma kuusaa gochaa sukkannessaa itti tate. Yakkamtootaa fi shororkeesitootaf garu, jannata isaaniti. Gaabaasnii Tokkumaa Mootummoota Gamtoomanitin dhiheenya bahes kanuma ragaa baha; reebichii, gabroomuun, dhirqiin gudeeddamuun seenaa guyyaa guyyaa baqqattonni keessa darbani. Hidhatootan, warra seeraan ala nama biyyaa baasaniin, akkasumas qama motummaatin qarshii gafatamuunis barama dha.

“Lammiilen Liibiyaa daangaa isaani irratti ulee plastikiitin nu dhaananii akka konkoolaataa dhoqqee keessatti rakkatee jiru baasnu nu dirqisiisan…..aduu gubaa keessatti nu aggoranii ofii nyaatani dhugan”

– Huseen Muhiddiin, Somalae irraa  dhufe, han amma miilan jiru.

Dhabata Dhimma Kooluugaltumma Addunyaa irra Soodaan akka jedhanitti, hameenyii baqatootarra gahuu kun akkuma jirutti ta’e namoonni biyaa bahanii baqaa seenan garuu waayee isaa quba hin qaban. “ Jarrii seeran ala namoota biyyaa baasan kun ammam akka garaa jabaatan baqqattoonni gonkumaa hin galleef”.

Waan kana hunda keessa han namoota darbban keessaa Maaliyaanaa Saamaa Toonkaara dhimma kana yeeroo ibsu “Triipoolii keessaatti nurumaa akkuma dheeffitetti” jette.

Rescued Nigerian Woman Stranded at Tripoli Harbor, Tripoli, Libya (AP)

Koolu galaan lammii Maalii Sama Tounkara akkaataa Libyaa keessatti lubbuun oole ennaa dubbatu. Gabaasaa VOA Nicolas Pinault waliin

Kutaa 3ffaa: Duga ba’umsa

Kutaa 3ffaa: Duga ba’umsa Seenaa daangaa ce’uu: Dhuga ba’umsa

Koolu galtuu lammii Somaaliyaa Rahimaa Abubakar Alii fi daa’ima ishee Soofiyaa Gelsenkirchen, Rhine-Westiphaliyaa  kaaba Jarmanii keessatti Gabaasaa (VOA/Abdulaaziiz-Osman)

Haadha ijoollee torbaa umuriin waggaa 33 kan doonii Jarmanii “Frigate Schleswig Holstein jedhamu irratti ilmoo deesse, dargaggoota lammiiwwan Itiyoopiyaa lama kan umuriin waggaa 16 hanga maatiiwwan isaanii tokko tokkoon isaaniif doolara kuma saddeet hamma baasanitti namoota seeraan ala nama deeddeebisaniin hidhaman, lammiiwwan somaalee kanneen namoota gammoojjii keessatti dheebuun kutuuf kaanaan fincaan isaanii dhugan utuu dhuganii argan, hegereen namoota kana maraa garuu garba Miditeraaniyaan qaxxaamuruu fi dhiisuu irratti hundaa’a.

Dhuga ba’umsa Viidiyoon waraabame:  kan umuriin waggaa 33, Rahaamaa Abukar Alii: Rahamaa Abukar Alii Hagayya 22 ennaa doonii koolu galtootaa kan Liibiyaa keessaa kortu imalli sun jireenya ishee keessatti waa haaraa abdii ykn xumura jireenya ishee akka ta’e hubattee turte.

Aliin ulfooftee hamma ji’a shan guuttutti Somaaliyaa dhaa kaatee hanga andaara galaana Liibiyaa geessutti Kiiloo meetira hedduu gammoojjii keessa adeemte.  Adeemsa irraa kan isheen boqottu ykn yoo rafte ykn immoo konkolaataa koolu galtoonni gaanfa Afriikaa kanneen  lola hamaa jalaa dheessan irra guutan keessa ennaa teessu qafa.

Imalli isaa dheeraa waan tureef na joonjessa ture, dadhabeen ture jette Aliin. Liibiyaa hin ta’in malee eessatti iyyuu ilmoo ishee da’uuf garaa kutattee doonii amansiisaa hin taanee fi nama sodaachisu korte.

“ Daa’ima koo garaa na jiru waliin du’uu ykn Awrooppaa seenuuf qophee dha” jette Aliin.

Dooniin Jarmanii garba Mediteraaniyaan walakkaa erga ga’ee yeroo xiqqoo booda kan mucaa deesse Aliin daa’ima ishee Soofiyaa waliin gara waaltaa baqattootaa Düsseldorf keessa qubatan. Dahata siyaasaaf gaaffii dhiyeeffatte eegaa jirti.

“Libyaan Somalee mediteraaniyaan irraa taate. Ssisilii , Kireet Laampeduusaa keessatti shiftoota galaana irraa ni argita. Koolu galtoonni miliyoonaan laka’aman illee jiru. Shorokaanis Qe’eetti dhiyaate.”

– Kan yeroo tokko Koloneel Mo’aammar Gaadhaafii bakka b’u jedhamaa ture Saaif Gaadhaafii Bitootessa 7, bara 2011 sabaa himaaf ibsa kennanii turan.

Gaaffii fi deebii koolu galtuu lammii Somaaliyaa Rahamaa Abubakar Alii, haada daa’ima Soofiyaa jedhamtuu Gelsenkirchen, Rhine-Westphalia kaaba Jarmanii keessatti Gabaasaa VOA/Abdulaaziiz Osman.

Dhuga ba’umsa viidiyoo: Samaa Tounkaaraa, kan umuriin 23, lammii Maalii Samaa Tounkaaraan kan waldaa fannoo diimaa damii Xaaliyaanii Roomiin geggeeffamu keessa jiraata. Adeemsa isaa utuu itti hin fufin xiqqoo boqochuuf.

Tounkaraan Fulbaana bara 2014 wal waraansa hamaa Maalii keessaa jalaa dheesse. Daragaggoonni Bamaakoo hedduun daangaa Aljeeriaa qaxxaamuranii Tamanraaasetiin utuu hin ga’in dura gara Gaa’ootti imalu. Baatilee ja’aaf hojii ijaarsaa Ghardaa’iyaa gara Liibiyaatti imale. Haalli gamasii immoo daran hamaa ta’e.

Galgala tokko ture namoonni unifoormii kaayyatan dhufanii naannoo mooraa akka gargaaruu Tounkaaraa gaafatan. Kanas huuruu qawwee itti qabanii gaafatan. Balleessaan isaa maali yoo jedhame hojii dhuma hojjeteef kafaltii gaafachuu isaa ture. Kunis akka inni baqatuuf dirqisiise. Yabala xiqqoo namootaan guutamete koruu dhaan garba mediteraaniyaan qaxxaamuruuf karaa jalqabe.

Koolu galtoota 140tu yabalattii irra turan. Waan du’u itti fakkaate. Garuu galaana afatee ciisu irra sa’aatilee torbaaf erga adeemee booda dooniin Awrooppaa tokko dhuftee lubbuu isaa baraate.

Gaaffii fi deebii koolu galaa lammii Maalii Saama Towunkaraa waliin geggeesse. Gabaasaa VOA/Niikoolas Piinawult.

Dhuga ba’umsa viidiyoo:  Dalmar fi Ahmed lamaanuu lammiiwwan Itiyoopiyaa umuriin waggaa 16: Baatii tokkoof Xaaliyaanii keessa erga turanii booda ka’imoonni kun amma illee maqaa isaanii dhugaan waamamuu sodaatu.

Barattoonni duraanii lamaan kun  hiriyoonni isaanii kana dura gara Awrooppaatti imalanii jireenya haaraa gamasii  jalqaban dhiibbaa irra kaa’aniin manaa ba’an.

“ Sababaa itti manaa baaneef hedduutu jira,” jedhe Ahmed. “Hojiin hin jiru, kanneen nu dura mana barnootaa xumuran illee hojii dhabanii daandii irra guutaniiru. Kanaaf biyyaa ba’uu murteessine.”

Kanneen namoota seeraan ala deddeebisani Finfinnee dhaa kaasanii sa’aatilee saddeet booda daangaa Sudaniin erga ga’anii booda koolu galtoota kanneen biroo gammoojjii Sahaaraa qaxxaamuruuf qophaa’an waliin wal argan.

Adeemsa miillaa guyyootii sanii booda konkolaataa nama humnaa ol fe’atte yaaban. Xumura irrattis Ajadabiyaa, magaalaa galma mootummaa konyaa Al Wahat ka Libyaa gaama gama bahaa jirtu ga’an. Magaalattiin Bengaazii irraa fageenya kiiloo meetera 150 irratti argamti.

“Guyyaa sanaffaa deemsa keenya gammoojjii keessaa booda bishaan nu harkaa dhume” jedha Ahmed. San booda namoota seeraan ala nama deddeegisan gara http://dpwebspace.ibb.gov/WebSpace/jabeeyyii ta’an, kanneen gara laafina tokko malee koolu galtoota maatiiwwan isaanii maallaqa akka kennaniif bilbilaan itti himuu didanitti dabarfamnee kennamne jedha.

Harka namoota seeraan ala nama deddeebisan keessatti dararaa baatilee ja’aaf irra ga’e Dalmaar ni yaadata.

Imala balaa’amaa dargaggoon umurii waggaa 16 Itiyoophiyaa irraa hanga Xaaliyaanii, miilaan geggeesse (VOA/Abdulaziz Osman).

Dhuga ba’umsa Viidiyoo: Morro Saneh, kan umuriin waggaa 16 lammii Gamibiyaa: Mooraa koolu galtoonni keessa qubatan xiqqoo kan Roome keessa jiraataa ennaa ture Morro Saaneh keessa ta’uu dhaan halkan manaa bade tokko yaadate. Jala bultii ayyaana waggaa haaraa kan bara 2015 ture. Yeroo yaaliin fonqolchi mootummaa prezidaant Yaayaah Jaameeh irratti aggaamame ture. Sodaa irraan kan ka’e dargaggoon kun karoora isaa maatiitti utuu hin himin miliqe.

Erga Kaa’oolaak Senegaaliin ga’ee booda Bamaakoo, Maalii ga’uuf doolaara kuma sadii baase. Bakka sanattis baatii tokkoof daandii irratti bishaan gurguraa ture. Agaadez, Niijeer keessatti immoo hojii xuubii naquutti bobba’ee hojjetaa ture. Trippoolii keessatti poolisiin maallaqa xiqqoo inni qabu harkaa fudhachuu dhaan guyyoota 33f hidhaa keessa turse.

Abjuun isaa Siwidiiniin ga’uu kan ture Sanehn amma garuu daragaggoota Afriikaa kanneen gara Awrooppaatti imalan akeekkachiisa. “utuun deebi’ii nan deema ta’ee, kan akkasiitti hin deebi’u. Balaa hamaa qaba jedhe.”

Gaaffii fi deebii koolu galaa lammii Zaambiyaa Morro Saneh waliin geggeessame Gabaasaa VOA/Niikoolas Piinawult.

Kutaa 4ffaa: Kanneen seeraan ala nama deddeebisan

Kutaa 4ffaa: Kanneen seeraan ala nama deddeebisan Gara jabeeyyii kan ta’an kanneen Awrooppaa keessaa seeraan ala nama deddeebisan

Baqataa imala sukkanneessaa gaafaa Afrikaatii gara Liibiyaa godhamurratti harki isaa warra seeran ala namoota biyyaa baasaniin gubame. (Gabaasaa VOA Niikolas Piinawult)

Waggaa waggaatti koolu galtootaa fi baqattoota seeraan ala deddeebisuu irraa doolaara biliyoonaan laka’amutu argama. Caasaaleen yakkamtoota sadarkaa addunyaa kana irraa bu’aa guddaa argatu. Abdii xiqqoo koolu galtoonni jireenya wayyaawaa hawwan irraa bu’aa argatu. Gorsi isaanii karaa sirrii hin taane gama Awrooppaatti ce’uu saamichaaf mijeeffatan iyyuu karaa sirrii fakkaata.

Kaartuum irraa ka’ee hanga Calais-tti seenaan dararaa jiru waluma fakkaata. Kanneen namoota seeraan ala deddeebisan gammoojjii keessatti koolu galtoota dararu. Harka, fuula ykn laphee isaanii tamboo/sijaaraa dhaan gubu. Dhala namaa akka bineensaatti lakaa’uu dhaan konkolaataa humnaa ol nama fe’e irratti guutanii cirracha Sahaaraa keessa darbu. Yeroo tokko tokkos ennaa isaan Liibiyaa ga’an matta’aa akka baasan maallaqa gaafatu.

Koolu galtoota Liibiyaa keessa utuu darbanii qaamni isaanii namoota seeraan ala namoota deddeebisaniin irraa murame. (VOA/Niikolas Piinawult)

“ Yeroo tokko tokko kanneen Liibiyaa keessaa koolu galtoota nyaachisan waan akka qoraanii fi cilee ittiin nyaata milcheeffannu nuu hin dhiyeessan… Kanneen nyaata nuu bilcheessan yeroo tokko tokko nyaata bilcheessuuf boottii fi hucuu keenyatti gargaaramu. Akka nuti beelaan hin duuneef.”

– HAAFSAA JECHUUN JECHA DUBARTOONNI SOMAALIYAA KANNEEN ROOM KEESSAA NAMOOTA SEERAAN ALA NAMA DEDDEEBISAN ITTIIN WAAMANI.

Gaaffii fi deebii gabaasaan VOA Nicolas Pinault koolu galaa lammii Sudaan Abdallaah Arkuu waliin geggeesse.

Xaaliyaanii keessatti illee kanneen namoota seeraan ala deddeebisan mul’inatti hojjetu. Lammiin Ertraa tokko VOAf akka ibsetti namoonni ka biroon guyyoota kudhanii oliif Catania keessa mana keessatti ugguramanii utuu jiranii angawoota biratti illee akka hin galmeeffamne akeekkachiise. Namoonni kun matta’aa kuma hedduutti laka’amu erga kafalanii booda gad dhiisaman.

Kan umuriin waggaa 16 dargaggoo lammii Itiyoopiyaa namoota seeraan ala nama deddeebisaniin qabame gabaasaa VOA/Abdulaziz Osman.

Kanneen maallaqa baasuu danda’an qajeelfama namoota seeraan ala nama geggeessaniin imala itti fufan lammiiwwanuma isaaniitiin galaana meiteraaniyaan qaxxaamuranii kan Ferensaay gama kaabaa keessatti kanneen qubsuma tolchan

Albania Mafiosostti dabarfamanii kennamu. Koolu galoonni maallaqa homaa of harkaa hin qabaanne illee hojjennee kaffalla abdii jedhuun liqaa ofi irra kaa’anii imala itti fufu. Jamryaan koolu galoota ka sadarkaa addunyaa IOM irraa Giovanni Abbate akka jedhanitti dubartoota ka’imootaaf waadaan akka Sanaa gara sagaagalummaati akka seenan taassisa.

Jovaanii Abbaatee, Ogeessa Seeraa fi hoogganaa Godaantotaa Sadarkaa Addunyaa (IOM) damee Siisilii Xaaliyaan. (Gabaasaa VOA Niikolas Piinawult)

Kutaa 5ffaa: Xumura

Kutaa 5ffaa: Xumura Kutaa shanaffaa: Xumura Daandiin gara fuula duraa: Balaa ta’uu mala

Ganda hiyyeeyyii kan koolu galtootaa “Bosona” jedhamuun beekamu keessa namoota kuma hedduutti laka’aman kanneen daangaa ce’anii Biriteen keessatti jireenya haaraa hundeeffachuuf yaalantu keessa jiraata. (VOA/Niikolas Piinawult)

Sodaa xumura hin qabne kan garee finxaaleyyii Shabaab jalaa miliqxe Nimkoo Musee Ahmed. Haada ijoollee lamaa hiyyeettii lammii Somaaliyaa ti. Gammoojjii addunyaa kanaa lama keessa dabarte. Tokko godinaa waraanaa yoo ta’u kaan immoo yabala laastikaa hojjetamee fi amansiisaa hin taaneen garba qaxxaamruu ture.

Erga Veenaa magaalaa ga’uuf abjootaa turte erga geessee booda ittisa waraanaa duraanii gamoo gara olii irraa lafa dhakaan tuulamee jiru irratti of darbatte.

“ Yeroo haga tokkoof of walla’aaleen ture. Miilla koo lanaanii fi lafee dudda kootiitu cabe. Jette Nimiikoon. Austriyaa keessatti of ajjeesuuf yaalii jalqabaa goote irraa dandammataa turte. Yaaliin ishee kunis mootummaan Austiriyaa Traiskirchen keessatti mootummaan qubsumni baqattootaa akka hin tolfamne waan uggureef jecha.

Sodaan ishee gara abdii kutannaatti kan jijjiiramee galgala yeroo arfaasaa tokko erga gaaffiin ishee dahata siyaasaa dhorkamuu bartee booda ture.

Abdiin kute sababiin isaas dahata siyaasaaf simatamuu dhabuun cimaa ture. Sodaan ishee abdii kutannaatti ennaa ishee geese yaadatte. “Uummati Afriikaa

keessumaa kanneen Somaaliyaa keessaa kan ani jedhu “ Awrooppaa keessa homtuu hin jiru, kanaaf waa’ee isaa hin abjootinaa.”

“ Dhugaa isaa amma bare. Cabii. Beela ani asitti arge Afriikaa utuun jiruu argee hin beeku.”

– NIMIIKOO MUSEE AHMED, LAMMII SOMAALIYAA KAN AWSTITIYAA KEESSAA

Gabaasaan VOA Abdulaziiz Osmaan Gaaffii fi deebii koolu galaa lammii Somaaliyaa Musee Ahemed waliin geggeesse.

Wantii guddoon godaantota biyyoota Gammoojji Sahaaraatii gadii baqatanii ykn godaananii Awurooppaa dhufee irraa mullataa,waan Ahmed keessa dabrellee yoo ilaaltu, walitti qabamanii giddiin buqqifamu isaaniiti.

Haga guddaan namii miliyona 1 tahuu bara 2015 dhufee,jireenna wayyaahaa barbaadachuuf maatii ufi dhiisee biraa yaahe–jireenna kana qabaachuuf ammoo garba irratti lubbuu ufii gurguratanii dhufan—jireenna wayyaahaa barbaada dhuftee dhabdee,karaa irra buluu,paas poortii dhabuu, biyya dhabuu,ardii hin beenne gama Kaabaa keessa isii jiraachise.

 Akka isiin jettutti baqattootii biyyoota Gammooji Sahaaraa gadii dhufan, akka baqattoota ykn godaantota Siiriyaa, Afgaanii fi Iraaqii mitii miidhaa guddootti isaan irra gaha.

 Warrii Arabaa fi Afgaan ardii sun keessatti baqataa Afrikaa,kaambii baqataatti fulaa baqataa itti kuusan cufatti warra Afrikaa dhufe,warra akka nama biyya lammeessootti ilaala.

Wal dhabii bilbila bade tokko irraa kahe nama biyya alaa akka hamaatti rakkoo keessa buuse.Afgaanotii barumsa dansaa qaban bulchoota kaambii baqaatti rakkoo isaanii akka dansaa itti himata.Intalti Afrikaa ta jara waliin galtu ammoo bilbila jedhan sun hattellee-dhibaatteellee balleessaan tama isii taati.

Biyyoota Godaantonni gammoojjii Sahaaraa gadii bayyinaan itti Imalan

Maapii odeeffannoo Koomishinii Awrooppaa fayadamuudhan kara godaantonnii gammoojii Sahaaraa gadii Xaliiyaanii qaxxaamuruudhan Awrooppaa itti galan agarsiisu.

Seeraa Seera hin Guunne

“Nama gurraacha silaa Mediteraaniyaanin qaxxaamuree Faransaayii fi Xaliyaanaatti galuu dandahu miliyoona hedduutti jira. Nagaa Mediteraaniyaan eeguuf ammoo qoodii guddaan harka Liibiyaa jira.”Mohaammad Gadaafiitti Bitootessa, 2011 TV Faransaay irratti dubbate.

Andaara galaana Calais, Faransaay  kan bakka “Bosona” jedhamutti tti dallaa naanna’ee jiru. (VOA/Niikoolas Piinawult)

Andaara galaana Calais, Faransaay  kan bakka “Bosona” jedhamutti tti dallaa naanna’ee jiru. (VOA/Niikoolas Piinawult)

Baqattuun akka Ahmed faa karaan laafaan fala argataniin hin jiru.Adoo biyyootii Waldaa Awurooppaa 28nu rakkoo bara 2015 baqataan itti fide jalaayyuu mataa oli hin qabatinuu,falamaan Giriik irraa liqee diqqeessuuf,jireenna isiitiin wallaanuuf fi lola milishoota goolii uumanii irratti fala dhahanuuf tokkummaa siyaasaatti barbaachisa.Akka raagii dinagdee Awurooppaa jedhutti ganna dhufu keessallee nama miliyoona 3 tahutti Awurooppaatti godaana. Biriten,biyyoota Waldaa Awurooppaa ta baqataa hedduu simatan keessaa tokkoo taatee Waldaa Awurooppaa kana keessaa bahuu feeti.Tun ammoo akka duriillee caala rakko hammeessiti.

Koolu galtoota mooraa bakka “Bosona”  kan Kaalayi, Fararnsaay  keessa jiraatan. (VOA/Niikoolas Piinawult)

Koolu galtoota mooraa bakka “Bosona”  kan Kaalayi, Fararnsaay  keessa jiraatan. (VOA/Niikoolas Piinawult)

Waldaan Awurooppaaleen nama biyya isaatti baqachuuf gaafate kuma 165 biyyota waldaa isaatti qoqooduu malee fala tokkicha hin qabu.Haga Muddee 12 nama 159 qofatti eeyyama qubatuun argate.Kanadaan Muddee 11 irratti baqataa Siiriyaa kuma 25 qubsiifte.

Kongireesii USA ammoo karoora pirezidaanti Obaamaan baqataa Siiriyaa kuma 10 qubsiisuuf baafate irratti falamaatti jira. Filannoo Amerikaa ta baranaa irralleetti falamaan guddoon baqataa biyya alaatii dhufu akkamitti simannaa.Namii akka Doonald Tiraamfi faatii Musliima USAtitti dhufu dhowwee, baqataa Siiriyaa sagantaa Obaamaatiin Ameriaka dhufu biyya isaatti deebisa jedha.

Bulchiinsii White House yaada kanaan dhufullee nama Afgaanii fi Iraaqii ka lola irratti Ameriaka gargaaree afaan hiikuuf sagantaan jara suniin VISA kennaniinuu falamaa tahuutti jira.

Poolisiin naannoo mooraa bakka “Bosona”  kan Calais, Fararnsaay  cina  jiru ennaa to’atan. (VOA/Niikolas Piinawult)

Poolisiin naannoo mooraa bakka “Bosona”  kan Calais, Fararnsaay  cina  jiru ennaa to’atan. (VOA/Niikolas Piinawult)

Waldaan Awurooppaa rakkoolee gugurdoo Afrikaa nama baqachiifte diqqeessuu fedha. Kora Sadaasaa dabre rakkoo godaantotaa qorachuuf taa’e irratti bulchota Waldaa Afrikaatii fi Waldaa Awurooppaa doolara miliyoona 1 fi kuma 900 biyyootii Afrikaa nama biyya isaantii baqatee biyyattin deebisaniin walti qabaniif.Maaltaan, biyyitii karoora kana yayyabde bara tokko isuma biyya nama godaantotii itti baafatan taatee beekamtu horii kana keessaa $270,000 kennite.

 Ji’aan duubatti ammoo bulchootii Awurooppaa biyyoota Afrikaa namii akka malee keessaa baqatutti hujii fi sangantaan misoomaa jalqabuuf $biliyoona 2 waltiqabsiisan.

 Karoorii guddaan naannoo garba Mediteraaniyaaniif nagaa buusuuf jedhanii bahe,bara Gadaafiin jiguuf dhiyaate jalqabe.Bara 2011,muummeen ministera haajaa alaa Xaliyaanaa ka gaafasii Franco Frattini akka ardiin rakkoo tanaan(Afrikaa) wallaanuuf seeri haarahii bahu gaafate.

“Ummata gurraacha miiliyoonan lakkawwamutu gara Faransaayi fi Xaaliyaanii cehuu dha Mediitiraaniyaanii dhufa. Nageenya naannoo mediitiraaniyaanii egsisuuf immoo Liibiyaan gahee guddaa qabdi.” 

– Moaammar Gaaddaafii, TV Faransaayi irratti , Bitootessa 24, 2011. 

“Waldaan Awurooppaa,dhabbilee addunyaa jajjaboon; Baankii Addunyaa fi IMF,Fandiin Maallqa Addunyaa akka naannoo Mediteraaniyaan qabeennaan jabaattu karoora Maarshaal(Marshal Plan)wal fakkaatu ariitiin baasuu wayya,”jedhee bara 2011 keessaa gaazexaa Financial Times irratti barreesse Frattiniin.Karooii Maarshaal Pilaan jedhan kun karoora USA akka Awurooppaa gamii Lixaa rakkoo waraanii Addunyaa II itti fide irraa dandamachuuf baafte.”Karoorii kun akka euro Awurooppaatii fi dhaabbilee maallaqa addunyaa biliyoonii hedduun jirennaa fi investimentii naannoo tanaa wayyeessee hammayeessu tolchu male.”

Firaatiniin(Farattini) akka bulchootii Awurooppaa daldala biyyoota Mediteraaniyaan karoora USA waliin hojjachuuf waan daldalatti gufuu tahe  achii balleessan jabeessee gaafate, “qoodii kun murteessa.”

 “Akka namii hedduun carraa baranoota olaanaa argatu–akka biyyootii Mediteraaniyana gamaa leenjii hujii argatan,ijoolleen kahimaa hujii dhabanii jara biyya nagaa dhowwutti akka hin dabalamne leenjii kennuuf.”Karaa kanaan seeraa alaa biyya nama baasuu fi ilmaan namaa gurgurachuulleen hin diqqaatti.

 Hein De Haas yuniverstii Amesterdaamitti nama barusma Sociology qabuu fi ogeeyyota godaantota bebeekamoo keessaa nama tokko. Rakkoon tun gama Afrikaa qofaan fala hin argattu jedha.

 ”Awurooppaan waan tokko irratti qalbiin tokkoon walii galuu dhabuun dhugumaanuu rakkoo isaanii guddoo,”jedhee The Huffington Post irratti barreesse.Tana maleellee seerii Tokkummaa Mootummotaa namii siyaasaa fi waraana baqate seeraan eegamuu qabaatullee dinagdeen Waldaa Awurooppaa namuufuu banaa tahuun akka baqattoota horii diqqaan qaxaran tolchee jedha.

 ”Awurooppaan ganna 25 dabran jabaattee jaaramte taan jabeenna sun amma akkuma jirtuunuu hin qabduu,” jedhamti.Namuu amma akkuma itti dhufutti dhufa.Tun ammo seera malee biyyaa nama baasuu,karaa irratti balaan lubbuu dhabuu fi rakkoo hedduu fida.”

Dunkaana kooltu galtootaa kan “Bosona” jedhamuun waamamu mooraa baqattoottaaz Calais, Faransaay. (VOA/Niikoolas Piinawult)

Dunkaana kooltu galtootaa kan “Bosona” jedhamuun waamamu mooraa baqattoottaaz Calais, Faransaay. (VOA/Niikoolas Piinawult)

Elizabeet Kolleetti(Elizabeth Collett) Inistiyuuti Biraasselsi jirtutti daarektera Godaantotaati, “guddinnii qajeelaan ka naannoo ufiitiin wal fakkaatu,”jetti.”

 ”Guddinnii haga dabraa guddaan qofatii rakkoo godaantotaa faluu hin dandahu, “jetti.”Taatullee hujii bu’aa qabdu ta karoora gabaabaan hojjachuu dandahanii fi godaanna balaa hamtuu irraa nama hambiftu.”

 Gaafiin jirtu ammo Awurooppaa woma Gadaafiin bara tokko hojjate;Industirii didiqqoo carraa hujii fi guddinnaa irraa argatan ta namii akka Nimco Muse Ahmed faatii carraa sadeessoo jireenna duriilleetti nama hin deebifnee fi Awurooppaaleetit jireenna haaraa jal nama hin qabsiimne irratti fuulleffachuutti caalaa nama jechisiifti.

 Duubatti deebiin hin jiru

 Taatullee sagantaan bayyanachiisaa karoora gabaabaalleen kama akka karoora jabana Gadaafiin Liibyaa irraa bu’uuf dhiyaatee kaan,akka biyyootii Awurooppaa hagii tokko baqataa jibban nama taasisa.

 Yoo seera godaantotaan tohatan faluuf carraaqanitti falii harka bulchoota federaalaa Biraaselsi jiraachuu fa dandaha.Hagasittuu kaan jireenna du’aa fi jireennaa ka duubii isaa badhaasa qabu barbaadachuuf deemmaa karaa dheeraa jalqaba.

Abbaa suraa kaase

Gabaastonni: Abdulaziiz Osman fi NiIkolaas PiInawult.

Gulaaltonni: Piiter Koobus.

Han Weebsaayitii tolche: Isteefen Mekoosh fi Diinoo Beslaagiik.

Hojii Geeggessaa Piroojektii: Isteeven Feerrii.

Qindessitoonni: Tafarraa G. Tafarraa fi Izraa Fissehaayyee.

Afaan Ingilizii irra han hiike: Gazexeessota VOA Afaan Oromo.

Yaada