Fundurri Itoophiyaa maal akka ta’e addan in baane. Mormii cimaa deemaa tureen wal-qabatee biyyattin Guraandhala keessaa yeroo lammataatiif labsii yeroo atattamaa labsiteetti. Mummeen minsitraa fedhii ofiitiin angoo gadhiisuun immoo, yeroo duraatii namni Oromoo ta’e hooggansa ol-aanaa biyyatti akka argatu karaa saaqera. Biyya Afrikaa keessatti guddina diinagdee saffisaa galmeesisaa jirtuu fi baayyina uumataatiin ardittii irraa lammata taate, akkasumaas Yunaaytid Isteets wajjin hariiroo cimaa qabdu tanaaf, murtii fi tarkaaffiwwaan amma fudhatamaa jiran egeree ishii murteessuuf bakka guddaa qaban.
Itoophiyaan oggoota sadi’ii oliif mormii ummataatin raafamte. Mootummaan biyyatti mormii jabaa isa qunname booda Onkoloolessa 2016 labsii yeroo atattamaa ji’oota 10 ture labsee namoota dimshaashan mana hidhaatti guure. Boodas, haaroomsa xixiqqoo agarsiisuu jalqabe. Gaafiin jijjiirramaa hawaasa biraa ka’u ittuma fufee. Oduma in yaaddaminis muummeen ministiraa biyyaatti bara 2012 qabee angoorrra turan, Obboo Hayilamaariyam Dassaalanyi iyyata angoo irraa bu’uu galfatan.
Dr. Abiyyi Ahimad jalqaba Bitootessa darbe angoof kaadhimamuun immoo biyyattii keessatti “jijjirrama hiikaa qabuutu dhufuuf deema” abdii jedhu fideera.
Dr. Abiyyi guyyaa muummee ministiraa ta’anii angoo fudhatan haasaha abdachiisaa godhan. Ergasii asis,murtii mootummaan mana hidhaa Maa’ikelaawii cufuuf murteesse hojiirra oolchuu, interneetiin Oromiyaatti cufamee ture akka deebi’u taasisuu dabalatee kaabinee keessaa dhalattoonni Oromoo fi Amaaraa akka qooda qabaatan gochuun jalqabii jijjiirramaa mullachaatii jirani.
Dawwanaa kutaawwaan biyyattiii adda addaatii godhaniinis, Dr. Abiyyi ergaa tokkummaa fi guddina biyyaa irratti hundaahe dabarsan.
Taullee, muufii fi gaddi hidda jabeeeffatee jiru ammas mullachuu guutumaan guututti in dhabbanne. Mormitoonni, miseensoonni paartiilee siyaasaa fi namoonni ilaalcha mootummaa irraa adda ta’e qaban hedduun ammas mana hidhaatii in baane. San malees, labsiin yeroo atattamaa Guraandhala 16 labsame mootummaa federaalatii angoo namoota mormanii ukkamsuu jabaa kenneefira.
Jeequmsi Itoophiyaa rakkina hammaataa geechiseera. Sababa walitti bu’iinsaatiin namoonni miliyoona tokkoo ol qehee ofii irraa buqqahaniiru. Qorannoon dhabbata Godaansa Addunyaa IOM geggeesse namoota buqqahan keessa harki 40 ijoollee ta’uu agarsiisa.
Yeroo mormiin deemaa turetti namoonni dhibban lakkaawwaman ajjeefamanii kumaan an lakkaawwaman to’annaa jala oolfamaniiru. Dhabbileen mirga dhala namaatii falmaan an akka Hiwumaan Raaytis Waach, Amnistii Internaashinaal fi kaan kana laalchisee ibsa qorannoo irratti hudaahe dhiheessaa turan. Haa ta’u malee, amma ammaatti qaamni ajjeechaa fi dararaa dhaqqabee itti gaafatamummaa fudhate hookan seeratti dhihaate in jiru. Karaa mootummaatinis, qorannoon bifa qindaaheen geggeeffamu in banamne.
Adeemsi hogganaa itti aanuu filuuf godhamaa ture dhoksaa ta’uu qofaa miti, paartiin biyya bulchaaa jiru ADWAWI-n Dr. Abiyyi itti gaafatamaa godhee filachuun dura bellama guyyaa filannoo jijijjirraa ture. Dr. Abiyyi haala jiru foyyeessa abdiin jedhu ballinaan jira. Hidhanni guddaan Dr. Abiyyi mootummaa biyya bulchaa jiru wajjin qabu — uummata mormaachaa ture — uummata Oromoo fi Amaaraa fayyadamoo godhee rakkoo jiru hiikuu keessatti gufuu itti ta’innaa gaafiin jedhu akka jirutti ta’ee milkaahinni hooggansa Dr. Abiyyi dandeettii isaan xaxaa siyaasa jiru foohuudhan bu’aa fiduu danda’uu irratti qabaniin murtaaha.
Nama alaa angaawota mootummaa Itoophiyaa laaluu qamni hawaasa hundi an bakka bu’e fakkaata. Partiin biyya bulchaa jiru ADWAWI-n paartiilee afur irraa baha. Dhaabbata Dimookiraatawaa Ummata Oromoo (Dh.D.U.O.), Dhabbata Dimookiraatawaa Biyyoolessaa Amaaraa (Dh.D.B.A), Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (A.B.U.T), fi Dhaabbata Dimookiraatawaa Ummaattoota Kibba Itoophiyaa (Dh.D.U.K.I)
Filannoo bara 2015 irratti paartiin amma biyya bulchaa jiru teechoo bakkabu’oota uummaataa 547 keessaa 500 qabate. Teechoon 45 paartilee deeggarsaa jedhaman qaamuma mootummaa ta’aniin qabame. Takka garuu nama paartii in qabne, dhuunfaadhan dorgomeetu argate.
Akka waaliigalaatti paarlaamaa ADWAWI keessaa 180 DH.D.U.O, 138 Dh.D.B.A, 123 Dh.D.U.K.I, an hafan 38 A.B.U.T dha.
Karaa bitaatiin pirezdaantiin biyyaattii fi mummeen ministiraa dhalootan Oromoo dha. Heerri Itoophiyaa bara 1995 fooyya’e bahemmoo angoon an bakka bu’oota uummataa, mummeee ministiraa fi kaabinee ta’uu raggaasise.
Egaan akkaatan qooddannaa angoo kun bakka angoon dhugumaa jirun - A.B.U.T. ta’uu nama beekuu wal-faalleessa. Siyaasa biyatti dhuuffatee an jiru paartiin mana maree keessaa bakka bu’oota harka 7 qofa qabu, A.B.U.T. dha.
Daayreekitarri ol-aanan Oromiyaa Miidiyaa Neetwoork, Obboo Jawaar Mohammad, kuni ummata Oromootiif “angoo fakkeessaa” kennameefi jedha. Gaafii fi deebii Sagalee Ameerikaa wajjin godhe irratti Jawaar, “ Oromoonni mootummaa federaalaa keessa in jiran. Warri jirus, angoon isaan qaban angoo dhugaa miti” jechuudhan ibse.
Addi Bilisa Baasaa Ummattoota Tigiraay bara 1980 ADAWAWI wanni bu’ureesseef naannoo Tigiraa qofa odoo in ta’in biyyattii guutuu irratti dhiibbaa qabu jabeeffachuuf ture.
Aleeks Dee Waal Yunivarsiitii Taftisitti dhaabbata haala nagahaa addunyaa foyyeessuuf hojjatu, Woorlid Piis Faawundeeshin jedhamuu daayireektara olaanaadha. Itoophiyaa irratti bara 1980 qabee qorannoo geggeessa an jiran Aleeks, ADAWAWI-iin waa sadii karoorfatee gara angoo dhufe jedhan. “Isaaniis, guddina diinagdee, eenyuummaa gosa irratti hudaahee fi haaromsa demookiraasiiti,” mootummichi gama diinagdee fi eenyummaa laalchisees milkaahina galmeesiseera jechuudhan ibsan.
Qorataan kun, lammiiwwaan Itoophiyaa dur yeroo biyyoota kaan deemaan beelaa fi iyyummaa biyyattin ittiin beekkamtuun qanahaa turan, jedhanii amma garuu sun akka jijjiirramees tareessan.
“Itoophiyaan ‘biyya beela hamaa ta’uudhan beekkamti ture. Lammiiwwan ishii gara biyyoota kaanii oggaa imalan dhimma kanaan qanahaa turan. Amma suni darbeera.”
— Aleeks De WaalSagalee Kana Taphachiisi
ADAWAWI-in eenyummaadhan wal-qabtee rakkinoota jiran hiikuuf sirna federaalizimii gosa irratti hudahe bu’ireesse. Haa ta’u malee sirni kun rakkina mataa isaa fidee dhufe.
“Imammanni adda dureedhan eenymaa gosaan itti himatan mataan isaa rakkina ta’eera. Lammiwwan Itoophiyaaan an wal ijaaran san irratti hundaahee wan ta’eef eenyumman waliigala, akka biyyaatti jiraachuu qabu xinnaateera,” jedhan, Aleeks.
Akka Aleeks jedhanitti, mootummaan amma agoorra jiru sirna cunqursaa isa dura ture buqqisullee, ammas sirna dimookiraasii cimsuu irratti dadhabbina guddaatu jira.
“Yeroo amma kana, paarlaamaa keessatti lakkoofsa bakka bu’oota muraasa qabaatanille warri A.D.U.T angoo sassabbataniiti an jiran, keesumattummoo gama humna waraanaa fi nagaha eegumsaa akkasumas dinagdee hoo laalte.”
Haa ta’u malee, gara naannoo Tigraay nama imalee laalee, hawaasa ballaa bira jijjirramni adda ta’e in jiru. “Warri Tigiree fayidaa addaa argatanii nannoon isaanii duroomaa in jiru. Cufaa, isaanis, akkuma lammiiwwan biyyatti kaanii hoogansarraa komii guddaa qaban,” jedhan Aleeks.
Taajjabdoonni fi Lammileen Itiyoophiyaa hedduun, Addi Bilisa Baasaa Uummatoota Tigraay (ABUT) fedha diinagdee mataa isaa guutuuf saba ballaa kaan aarsaa godheera kanaanis aangoo isaa sirnaan ala gargaarameera jedhu.
Itiyoophiyaan biyyota Afriikaa diinagdee’n isaanii saffisaan guddataa jiru keessaa ishee tokko taatus, bu’aa diinagdee kanarraa Lammileen biyyattii marti faayidaa qixaa ka isaaniif malu argataa hin jiran. Ragaan ‘Paawer Afrikaa’ Dhaabbata Humna Anniisaa Elektirikaa namootaaf qulqullinaan akka gahu falmu ka US Ameerikaan deeggaramu,namootni miiliyoona 14.6 ta’an Itiyoophiyaa keessaaa amma tajaajila Ibsaa hin argatanii jedha. Tajaajilli Ibsaa ka naannoo baadiyyaas biyyattii keessaas gara dhibbeentaa 10tti gadi bu’a.
Lammileen Itiyoophiyaa ka dhalooteen Amaara fi Oromoo keessuma barattoonni fi jiraattonni baadiyyaa sababa mootummaa kana morminiif hirreen hacuuccaa kun isaanirra qubateera.
“Oromoonni Mootummaa Federaalaa keessa hin jiran, warri taayitaa waa taa’umsa qabanillee aangoo dhugaa of harkaa hin qaban.,”
— Jawaar MohaammedSagalee Kana Taphachiisi
Gabaasi Dhaabbata ‘Armed Conflict Location & Event Dataset’ Adoolessa keessa baase, ‘erga 2014 as, mormiin uummataa akkasumas tarkaanfiin humnoota naga kabachiisaniin ummatarratti fudhatamu dachaa lama dabaleera’ jedha. Mudde 2015 haga Bitootessa 2016 jidduu mormiin hedduun akkasumas miidhaan baayyeenis namoota nagaarra dhaqqabeera. Hagayya haga Onkoloolessa 2016ttis ta’eewwan baayyee gurguddoon galmeen qabaman ta’aniiru. Dhaabbilee Mirgoota namoomaaf falmanis namoota ta’ee kana ijaan agarreerra jedhan irraa namootni kumaan lakkaawaman seeraan ala hidhamuu fi dhibbaan ka lakkaa’an ajjeefamuu galmeeffataniiru.
Muudama Ministiroota Kaabinee Itiyoophiyaa warren haarawaOdeeffannoon bakka Dhaloota isaanii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa irraa ka argamedha |
||
Itti Gaafatama/ Muudama | Maqaa | Naannoo Bakka Itti dhalatani |
---|---|---|
Ministira Qunnamtii fi infoormeeshin Teeknoolojii | Obaa Mohaammed Huseen | Finfinnee |
Ministira Daldalaa | Melaakuu Aallebel Addis | Amaaraa |
Ministira Fayyaa | Amiir Amaan | Amaaraa |
Ministira Induustirii | Ambaaachew Mekonnin | Amaaraa |
Misnistira Guddina Magaalaa fi Manneen | Jireenyaa Jaantiraar yigzaaw Abbaay | Amaaraa |
Ministira Hojjetaa fi Hawaasummaa | Hiruut Welde Maariyaam | Amaaraa |
Abbaa Alangaa | Biraanuu Tseggaayee Aberraa | Oromiyaa |
Ministira Muummee | Abiy Ahimed | Oromiyaa |
Ministira Aadaa fi Tuurizimii | Fooziyaa Amiin Aliyyii | Oromiyaa |
Ministira Ittisa Raayya Biyyaa | Mootummaa Maqaasaa | Oromiyaa |
Hoj Raawwachiisaa Abbaa Taayitaa Galiiwwanii fi Gumruuka Itiyoophiyaa | Ahmed Shedee | Oromiyaa |
Ministira Qonnaa fi Horsiisa Beeyladaa | Shiferraaw Shigguxee | Naannoo Saboota Sab _ Lammoota fi Ummatoota Kibbaa |
Ministira Albuuda, Boba’aa fi Qabeenya Uumamaa | Mellesee Alemuu Erbooroo | Naannoo Saboota Sab _ Lammoota fi Ummatoota Kibbaa |
Ministira Geejjibaa | Siraaj Fargeessaa Shifarraa | Naannoo Saboota Sab _ Lammoota fi Ummatoota Kibbaa |
Ministira Interpiraayiziiwwan Mootummaa | Tashoomee Togaa | Naannoo Saboota Sab _ Lammoota fi Ummatoota Kibbaa |
Ministira Dhimma Dubartoota fi Daa’immanii | Yalem Tsegay Asfaw | Tigraay |
à Itiyoophiyaa Keessatti ka hawaasa to’atu Mootummaa giddu galeessaati
Biyyattii Keessatti tajaajila Interneetii ka dhiyeessu Mootummaa dha. Carraa kana fayyadamees mootummaan yeroo gara garaa qabiyyee waantota Interneetiin gadhiifamanii sakkatta’ee dhogga, Gaazexeessitoota odeeffannoo Intrneetiin maxxansan ni hidha. Dhaabbati Idil Addunyaa ka mirga yaada ofii ibsachuuf falmu ‘Friidam Haawus’ Mootummaan Itiyoophiyaa Gaazexeessitoota akka basaasu dubbata.
Waajjirri Haaja Alaa Ka Yuunaaytid Isteetis akkasuma ‘Hiyumaan Raayits Wach’ Itiyoophiyaa keessatti Dhaabbileen miti mootummaa sodaadhaan socho’u, gaazexeessitootni ni hidhamu, doorsifamullee jedhu. Dabalataanis Gumiin Mirga Namoomaa ka jaarCaamsaaaa mootummootaa biyyattii seenee akka qabiinsa mirga namoomaa ha ilaaluuf yoo gaafatu dhorgamellee jedhu qaamoleen kunneen kun.
Heerri Itiyoophiyaa Mirgootni namoomaa akka kabajamaniif, sirna bulchiinsaa keessattis iftoominni akka jiraatuu qabu gaafata; garuu, dhaabbileen mirgooti namoomaa akka kabajamaniif falman, mootummaan biyyattii faallaa seera kanaatiin biyyattii bulchaa jira jedhu. Labsiin yeroo muddamaa ammaas taayitaa mootummaa federaalaaf dabalee akka to’annaa male socho’u isa godha, kun faallaa olaantummaa seeraa isa barreeffamee jiruuti.
Eebla bultii 10, bara 2018, Bakka Bu’oonni Mana Maree Yuunatid Isteetis Wixinee labsii Mootummaan Itiyoophiyaa qabiinsa mirga namoomaa biyyattii akka fooyyessu, akkasumas labsii yeroo muddamaas akka kaasu gaafatu dhiyeessani.
Wixineen kun mootummaan Itiyoophiyaa sarbamuu mirga namoomaa biyyattii keessatti ta’e akka qoratu, warra badii kana raawwate seeraaf akka dhiyeessu, akkasumas Gaazexeessitoota fi taajjabdootaaf ‘illee karra akka banu ka gaafatuudha.
Ammas Itiyoophiyaa’n Ameerikaa’f biyya michuu dha, walitti dhufeenyi biyyoottan lameenii ‘gama kaaniin ifaa fi barbaachisaa, gama kaaniin garuu ‘waan wal xaxaadha’ fakkata. Waggaa Waggaan Ameerikaan Itiyoophiyaaf bifa gargaarsaan Doolaara Kuma Dhibbaan lakkaawamu gumaachiti. Waggaa sadeen darban kana keessa qofaa Ameerikaan bifa gargaarsaa, tajaajila fayyaa fi guddina diinagdee deeggaruutiin Doolaara Biiliyoona 3 ta’u Itiyoophiyaaf gumaachiteetti.
Yoo wixineen labsii kun ka gara raawwiitti geeddaramu ta’e, walitti dhufeenya biyyoottan lamaanii lafaa ka bocu ta’a; Muummichi ministiraas akka jijjiirama fiduuf dhiibbaa irratti gochuullee mala.
“Aangoo fi qabeenyi naannoleedhaan sirriitti haqaan hirama; kun waan egereeti.”
— Renee LiifortSagalee Kana Taphachiisi
Muummichi Minitiraa erga muudamanii ji’a guutaniiru; garuu namootni hedduun ammas, jijjiirama hundee qabu ni fidaa jedhanii irraa eegu. Keessumaa labsii yeroo muddamaa ka warri qabiinsa mirga namoomaaf falman ‘yaaddeessaa’ ta’uusaa qeeqan ni kaasu jedhaniis abdatu.
Kun jechuunimmoo Humna Federaalaa Koomaandi poosti Sekreeteeriyaat ka biyyarratti aangoo qabu humna mulqanii taayitaa gara mootummaa naannoleetti deebisuudha. Murtee kun garuu mootummaa ‘Ihaadeg’f qoramsa, yoo dhugumaan wal qixxummaatti amanee ‘aangoo’ Mootummoolee naannoof ka lakkisu yoo ta’e.
Riinee Liifort Gaazexeessaa akkasumas barreessaa dha, waa’e biyyoota Gammoojjii Saharaa gad jiraniis bara 1970 kaasee barreessaa ture. Innis ‘waggoota dhufan kan keessa jijjiiramni Itiyoophiyaa keessatti ni dhufa’ jedhee tilmaama.
‘Aangoo dura buutota naannolee adda addaa gidduutti hirama, kun waan duraan hin turre dha. Dura abbootiin aangoo ka Naannoo Tigraayi waan mara gubbaatti aboo qabu turani. Amma garuu haalli kun hin jiru’ jedhe Liifort yoo Sagalee Ameerikaaf dubbatu.
“Aangoo fi qabeenyi naannoleedhaan sirriitti haqaan hirama; kun waan egereeti.”
Akka yaadaattis, ‘Yoo waanni biyyattii ifaan gaggeeffamuu fi seeraan buluun dhufu aangoo fi qabeenya biyyattiin qabdu haqaan qooduunillee dandaa’ama’ jedha de Waal.
“Mormii fi hiriirri hawaasa safuu fi duudha qabu keessatti sirriidha, sun dogongora hin qabu. Biyya Diimookraatofte keessa jiraachuuf mootummaa biyya bulchu waliin walii galuun dirqama miti. Waanti guddoon akkuman hime ‘Mariidhaaf karaa banuudha’ kunis qoramee ka ilaalamuu qabu waan ta’aa jiruu haalaan xiinxaluudhaani.”
De Waal ‘yoo waan darbe sakattaanu, waan bira tarreen liqimfamuun akka hin uumamne soda qaba’ jedha.
“Ani akka ajandaan gara wanna badaa mootummaan kun yoo darbe raawwatee qofaa irratti xiyyeeffachuurratti hin taane, sun hamaadha. Ijoo dubbiis jijjiira waan gargaarus miti.”
Gabaasaalee Sagaleen Ameerkaa Waa'ee Itiyoophiyaa Dhiyeesse Jechawwan Ijoon Argadhu