Oromiyaa Xinnoo

Jiruu fi jireenya hawaasa Oromoo Minnisootaa keessaa, amma tokko

Godiinaalee Yunaaytid Isteets Oromoon keessa qubatee jiru keessaa Minisootaan takka. Lammiiwwan Oromoo sababa adda addaatiin biyyaa bahan gara kuma 40-ttu godina kana keessa jiraata jedhamee tilmaammama.

Jiruuf jireenya hawaasichaa amma tokko sin daawwachiisuuf VOA irraa Tigist Gammee Hagayya darbe keessa garas imaltee isaan iyyaafattee turte. Seenaan isaanii kinooti.

KUTAA - 1

Maatii Oromoo Gamtaadhan Hojiitti Bobba’e

Bara lola Itoophiyaa fi Soomaalee naannoo 1970 keessa, Harargeedhaa baqatanii bahan. Abbaa fi haatii isaanii biyyatti hojii daldalaa hojjachaa turan. Yeroo ammaa kana immoo, ijoollen isaanii karaa warra isaanii san filachuudhan, Yunaaytid Isteets Godina Minisootaa keessatti hojii daldalaa, gama tajaajila kennuu irratti boba’uudhan bakka guddaa gahaniiru. Maatii wajjin gamtaa uumanii hojjachuun maal akka fakkaatu, carraa dalagaa ofii banachuu biyyana jiru, aadaa biyya ormaa keessatti ijoollee guddisuu dabalatee muuxannoo isaanii gaafanneera. Armaan gaditti dawwadha.

Oolmaa Maanguddoota Kunuunsuuf, Dubartoota Oromootiin Dhabbate

Olmaa Maanguddootaa “Mileeniyum Seentar” jedhamu godina Minisootaatti argamu, dubartoota Oromoo sadii an maatiin tokko ta’antu hundeesse. Maanguddoootni Oromoo fi akkasumas an Biyyoota Afrikaa kaan irraa dhufaniif bakka itti wal-argani; keessattillee kunuunfamani. Aaddee Tireezaa Ahimad haadha qabeenyaa bifa hojii kana uumuudhan obolahaa isaanii wajjin gamtaadhan hojiitti seenanii milkaahani. Maanguddoon Oromoo aadaa fi afaan biyyanaa alagaa itti ta’ee qeheen kun dahoo isaaniiti. Kanaaf, “Nama manumaa keessa ciisaa bahee carraan kun akka deebi’anii dhalachuuti,” jechuudhani carraa argame kana galaeeffatn. Daawwadhaa.

"Tattaafachaatuma jirra, harrarras, boruma jenneet itti jira”

Obbo Ferhaan Abdulaahii jedhaman. Somaalyaa, biyya maatiin isaanii baqattummaadhaan jiraachaa ture kessatti haga kutaa 12tti baratan. Naannoo jalqaba bara 19 - sagaltammanii keesammoo gara Ameerikaa dhufan.

“Asitti Kaayyoon guddaan barumsa barachuu waan tureef sanumatti goree gosa barumsaa Biizines Administireeshiniitiin baradhee eebifame,” an jedhan Obbo Ferhaan, amma gama hojii Inshuraanisiitiin nama milkaahani.

Waayee maatii isaanii, akkataa itti hojii inshuraansiitti seenanii fi jiruuf jireenya biyyanaa laalchisee marii goonerra daawwadhaa.

Ijoollee Oromoo Ameerikaatti Dhalatanii fi Oromummaa

Naahilii Abdullaahii dhalootan Oromoo as Yunaayitd Isteets keessatti dhalattee guddatte. Maatiin ishii garuu akka Afaan Oromoo fi aaddaa Oromoo beektu godhanii guddisan. Naahiliin jalaalli aadaa, afaan, nyaataa fi aartii oromootii qabdu gudaadha. Barumsa ishiitiin bayyee cimtuu, dooktora ta’uuf cimtee hojjachaa jirtiu. Kayyoon ishii gara funduraa immoo, dooktorii taatee Oromiyaatti tajaajila kennuu dha. Marii gabaabduun Naahiilii wajjin godhe dhaggeeffadhaa.

KUTAA - 2

AEDS - Dhabbata Baqattoota Afrikaa Gama Dinagdeetin Jajjabeessu

Wajjira Dhaabbata miti mootummaa, Afrikan Ikoonomik Developmenti Soolushin (AEDS) jedhamu keessatti namoota diinagdeedhan of-fooyyeessuuf carraaqantu wal-gaha.

“Dhabbanni keenya bu’aa horachuuf odoo hin ta’in haawaasa tajaajiluuf, jijjiiruuf dhabbate,” jedhan daayrektarri olaanaa AEDS Obbo Gannanaa Burqaa.

Obbo Gannanaan dabaluun, “Lammilee Oromoo dabalatee Baqattoonni Afrikaa Yunaaytid Isteets keessa jiraatan gama bituu fi gibira kaffaluutiin gaheen isaanii guddaa ta’us, ofii isaanii hojii daldalaa yookiis tajaajila kennuu irratti hirmaachuu irratti ammallee bayyinaan fayyadamoo hin taanee” jedhan. Dhabbanni isaanii ‘AEDS’ gama kanaan hir’ina jiru guutuudhaaf bara 2008 dhabbate.

Dr. Hasan Huseen dhabbatichatti hooggansa sagantaa leenjii irra hojjatu; leenjiisillee in kennan. Baqattoonni Afrikaa dinagdee keessatti hirmaachurratti rakkinni isaan quunnamu kaaniin adda jedhan. Kanaafiis dhabbanni kun namoota fedhi qabaniif kaffalttii malee leenjii torban 12 kenna. Gabaasa guutuu daawwadhaa.

KUTAA - 3

Maanguddoo Oromoo Ameerikaa Gahuuf Ogoota Itti Fixe

Obbo Duubee Ganamoo, ijoolleen isaanii kaan jalaa ajjeefamanii kaanis erga jelaa hidhamaniin booda bara 1992 Arsii Kofalee gadhiisanii biyyaa baqatan.

“Ilma koo Buulloo in hidhan; San boodas mana dhufaanii ija kiyya funduratti Ida’oo ajjeesan,” jechuun ta’ee ganna 20 dura biyyatti maatii isaaniirratti raawwate gaddaa nuuf himan.

Bulloo fi Ida’oon ijoollee Obbo Ida’ooti. Miseensaa Adda Bilisummaa Oroomooti jechuudhan qaamni nagaha eegumsaa mootummaa Itoophiyaa maatii isaanii adamsinaan maatii amma danda’an qabatanii godaanuuf dirqamuu isaanii dubbatu. Baqatanii karaa Booranaatiin Keeniyaa seenanii, amma Godina Minnisootaa Yunaaytid Isteets keessa jiratu.

“Qehee bareedduu gannee, ganda keenyaan gar-gar facaanee , ganda itti kabajaa qabnu ganda abaluu nuun jedhan dhabamuu isaatti baayyee nama gaddisiisa” naan jedhan. Seenaa isaanii daawwadhaa.

KUTAA - 4

“Hojjachuu Barbaannan Namni Waan Dadhabu Hin Qabu”

Obboo Tashitaa Tufaa bara 1992 Ameerikaatti godaanan. Jiruudhaan bu'aa bahii bayyee keessa darbaniiru; ammammoo nama qabeenya guddaa qabu; Abbaa Qabeenyaati.

Kaampaaniin Obboo Tashitaa, hundeessanii harkaa qaban ‘Metroopolitaan Traanzit Neetwork’ kaapitaala miiliyoonaan tilmaamamu qaba, namootni 300 caalanis Kaampaanuma kana keessa qacaramanii hojjetu. Guyyaa guyyattis barattoota godina Minnisootaa 15,000 mana barumsaatti geessee deddeebisa. Iccitiin milkaa'ina isaanii maali laata? Isaanuma irraa dhagahaa.

Gaabaasa qopheesitee an dhiheesite : Tigist Gammee

Gulaaltoonni Viidiyoo: Tigist Gammee, Tafarraa G. Tafarraa, fi Eliyaas Gabayaawu

Weebsaayitii : Tigist Gammee fi Tafarraa G. Tafarraa

Ogeessi Kaameeraa: Mohaamud Abdii