Kaamilaa Haaris Wanna Jirurraa Waan Addaa Maal Hojjetti?
Itti Aantuun Pirezidaantii Kaamilaa Haaris deegartuu amanamtuu Pireezidaant Joo Baayideen dha turtii aangoo ishee irra turtetti. Pireezidaantii taa’uun yoo filatamte Imaammatoota Baayiden itti fufistimoo ? kan ofishee fiddee dhuftii?

(AP)
Murtoo pireezidaant Joo Baayideen irra deebbiin filatamuu dhiisuu barbaaduu isaa hordofee Haaris Kaadhimamtuu pirezidaantii warra Dimookiraatootaa taatetti. Bara 2020 osoo Baayideeniin miiltoo filannoo isaa ta’uun hin filatamiin dura dorgomtuu isaa waan turteef galmeewwan isaanii fi Imaammatoota hanga tokkorratti garaagarummaa akka qaban ibsitee ture, yommuu gara pireezidaantummaatti dhuftu imaammatoota fuulaaduratti dhufuu malan barreeffamoota armaan gadi jiran keessatti garaagarummaa fi walitti dhufeenya Imaammatoota Joo Baayideenii fi Kaamilaa Haaris hordofan ibsan arganna.

Pirezdaantii Joo Baayden

Itti Aantuu Pirezdaantii Kaamilaa Haaris
IMMIGIREESHINII

PirezdaantiiJoo Baayden
Wayita Seenaatara turetti Baayideen daangaawwan baqattoota irra kaa’aman kanneen akka seera 1986 isa magaalonni baqattoota eeyyama hin qabne angawoota Federaalaaf hin gabaasan jedhu mormaa turan. Bara 2020tti wayita duula na filadhaa gaggeessaniti garuu Pireezidaantiin yeroo Sanaa Doonaaldi Tiraamp yaalii magaaloota kanneen irraa fandii kutuu taasisanii fi Imaammata Tiraamp isa maatii naannoo daangaatti ittisuun adda baasuu mormaniiru. Wayita aangoo pireezidantummaa irra jiran kanattimmoo gosoota godaantoota tokko tokko kanneen waraqaa seera qabeessa hin qabeessa hin qabne gara adeemsa lammummaa argachuutti akka seenan taasiisaniiru. Garuummoo mirga koolugaltummaa gaafachuu irrattis dhorkii kaa’aniiru.

Itti Aantuu PirezdaantiiKaamilaa Haaris
Wayita Abbaa Alangaa aanaa Saan Firaansiiskoo turtetti Imaammata isa magaaloonni angawoota federalaaf godaantoota waraqaa hin qabne hin gabaasne ni deeggarti. Mana maree keessattis Imaammata Tiraamp isa maatii adda baasuu mormuun qabsoo taasisaa turte, keessumaa dubartoota ulfaa Immigireeshinii fi gumuruu kaan hidhaman akkasumas daa’imman godaantootaa kanneen waraqaa seera qabeessa hin qabne kan Ameerikaa seenan eeyyama jiraachuu akka argataniif dhiibbaa taasisaa turte.
JIJJIIRAMA QILLEENSAA

PirezdaantiiJoo Baayden
Yeroo Senatara turetti Baayideen bara 1986tti seera labsii jijjiirama qilleensaa isa Kongireesiif kan jalqabaa ta’ee fi seera eegumsa jijjiirama qilleensaa hedduu biroof Ispoonsara ta’e kan beesiisanidha. Bara 2020tti yommuu kaadhimamaa pireezidaantii ta’anitimmoo walii galtee magariisaa kan Dimookiraattoonni tarkaanfachiisan guutummaatti hin deeggarre, garuu boodarra garuu agarsiiftuu isaanii hanga tokko waltajjii isaarratti hojiitti hiikeera. Yeroo aangoo Pireezidaantummaa turetti Baayideen walii Paariis isa bulchiinsi Tiraampi dhiisee keessa ba’ee turetti deebi’uuni fi Karbanii gadi lakkifamu hir’isuuf haaromsa bal’aa kan qabate sanatti makame. Haa ta’u malee gareewwan jijjiirama qilleensaa hojii bal’aa gama kanaan hin hojjenne jechuunii fi Gaaza uumamaa karaa haayidiroolikii caccabsuun baasuu diduu isaatiin qeeqa irratti dhiyyeessu.

Itti Aantuu PirezdaantiiKaamilaa Haaris
Duula na filadhaa ishee isa bara 2020 irratti Haaris walii galtee magariisaa haaraa deeggaruun fi hanga bara 2035 tti ergama kaarbonii hir’isuuf kan oolu maallaqa doolaara Tiriiliyoona 10 ramaduuf karoora akka qabdu himtee ture. Dabalataanis deeggarsi boba’aaf taasifamu akka dhaabbatuu fi gibira Kaarboonii dhaabuu kan jedhu deeggarte. Boba’aa qotanii baasuu irratti dhorkii jiru duraan deeggartullee yeroo kaadhimamummaa pirezdaantii fudhattu garuu dhaabii san jijjiirtee, dhorkaan akka hin barbaachisne dubbatte.
BARNOOTA

PirezdaantiiJoo Baayden
Yaada hawwii barattoota Idil Addunyaa manneen barnootaa olaanoof tola taasisuu jedhuun kan wal faalleessu Baayiden tarkaanfiiwwan murtaa’an kanneen akka Kolleejjiiwwan hawwaasaa tola taasiisuu fi badhaasa Peel guddisuu irratti xiyyeeffataniiru. Akka karoora isaaniitti barattoota miiliyoona 40 ta’aniif liqii isaanirra jiru hanga doolaara 20,000 tti dhiisuufiif ture kan amma mana murtii olaanaatiin dhorkamee danqaa keessa galeeru.

Itti Aantuu PirezdaantiiKaamilaa Haaris
Duula na filadhaa bara 2020 taasifte irratti Haaris ebbifamtoota gosa barnootaa murtaa’aniif dhiifama liqaa akka taasiftu wixinee dhiyyeessite ture. Isa durammoo karoora Senaatar Bernii Saandeersi isa barattoota Kolleejjii hawwasaa fi Yuuniversiitiiwaan mootummaatti waggota Afuriif baratan kanneen maatiin isaani waggaatti galii doolaara kuma dhibba tokkoo fi digdamii shanii gadi aragataniif liqaa dhiisuu jedhu deeggaraa turte.
KUNUUNSA FAYYAA


PirezdaantiiJoo Baayden
Osoo Pireezidaantii hin ta’iniis ta’e erga pireezidaantii ta’ee Baayideen wixinee kunuunsa fayyaa hunda galeessa ta’e kan akka “ Meedikeerii” ni morma. Bakka isaa seera kunuunsa fayyaa gatii madaalawwaa isa bulchiinsa Obaamaa jalatti Ragga’eeru sana babbal’isuun filannoo Inshuraansii fayyaa mootummaa uumuun kaffaltii Inshuuraansii dhuunfaa irratti gibira dabaluu kan jedhu leellisa. Akkasumas gatii qorichaalee ajaja ogeessa fayyaan kennamanii hir’isuu fi Umurii fayyadamummaa Meedikeerii gara Umurii 60 tti hir’isuuf carraaqeera.

Itti Aantuu PirezdaantiiKaamilaa Haaris
Yeroo Seneetii keessa turtetti Haaris seera Meedikeerii nama hundaaf jedhu kan Seenatar Saandeersiin dhiyyaate deeggarteetti. Filannoo Inshuuraansii mootummaa uumuu yaada jedhus deeggarteetti. Bara 2020 wayita duula na filadhaa gaggeessitummoo filannoo Inshuuraansii dhuunfaa dhiisuun yaada wixinee fayyadamummaa Meedikeeri nama hundaaf jedhu kan waggoota 10 keessatti hojiirra oolu qabattee dhuftee ture.
“Dubartoonni dhimma qaama isaanii laallatu irratti murtee kennuuf mirga guutuu qaban.
Itti Anntuu Pirezdaantii Kaamilaa Hariis marii MSNBC irratti, 2019
ULFA BAASUU


PirezdaantiiJoo Baayden
Wayita Senaatara turetti seera ulfa baasuu dhorku kan deeggaru ture, Waggoota darban keessattimmoo warra mirga ulfa baasuu leellisan ta’aniiru. Manni murtii Olaanaan seera mirga ulfa baasuu isa “ROE V. Wade” jedhamu duubatti deebi’uu isaa hordofee seera-tumtoonni Federaalaa eegumsi ulfa baasuu bakka duraa isaatti deebi’uun seerri federaalaa akka ba’uuf waamicha dhiyyeessaniiru.

Itti Aantuu PirezdaantiiKaamilaa Haaris
Haaris dhibbaa dhibbatti garee mirga ulfa baasuu kan walabummaa wal hormaataa hundaaf jedhu ykn kan duraan NARAL filannoo duraa Ameerikaa jedhu deeggarti. Bara 2020 duula filannoo taasisaa turte keessatti labsiiwwan ulfa baasuu haaraan kanneen kutaalee bulchiinsaan raggaasifaman kamiyyuu dursa eeyyama Federaalaa argachuu akka qaban yaada dhiyyeessitee ture.
ISRAA’EEL

PirezdaantiiJoo Baayden
Baayideen bara 1970 ‘mootaa irraa eegaluun partii warra dimookiraatootaa keessatti warra sagalee deeggarsaa isaanii Israa’eel dhageessiisan keessaa tokkodha. Deeggarsa waraanaa fi diinagdee itti fufinsaan taasisuu kan jedhuu fi Israa’eeliif furmaatni mootummaa lamaa taa’uu qabas nama jedhudha. Amma garuu paartii isaarraa qeeqni irratti dhiyyaachaa jira, waraana Gaazaa keessaa Israa’eelii fi Hamaas gidduutti taasifamaa jiruun lammiileen Paaleestiin du’an baay’achaa dhufuun meeshaa waraanaa Israa’eeliin deeggareera jedhamuun.

Itti Aantuu PirezdaantiiKaamilaa Haaris
Haaris yeroo hedduu deeggarsa Israa’eeliif qabaachuu kan ibsituu fi Israa’eel mirga ofirraa ittisuu qabdi jettus karaa Baayideenirraa adda ta’eenimmoo lammiilee Paaleestiiniif yaaddoo qabdus dubbatti. Ji’a Bitooteessa keessa bulchiinsa Baayideen jalatti warra waraanni akka dhaabbatuuf waamicha taasiisan keessaa adda duree irratti argamti, akkasumas Pireezidaantichi rakkoo gargaarsa namoomaa Gaazaa keessatti furmaata taasisuuf Israa’eel irratti dhiibbaa akka uumuuf gaafachaa turuun ishee gabaafameera.
TEKNOOLOOJII

PirezdaantiiJoo Baayden
Kallattiin dhaabbilee Teekinooloojii to’achuu irra Kongireesiin seera icitii daataa eeguu akka baasu gaafataniiru Baayideen. Akkasumas hooggantoonni dhaabbilee Teekinooloojii haala itti fayyadama sammuu nam-tolchee ykn Arteefishiyaal Intelejeensii kakka’umsa isaaniitiin eegumsa akka taasisan gaafataniiru. Haa ta’u malee ajaja hojii raawwachiistuutiin ba’een manneen hojii Fedeeraalaa haala guddina Smmuu man tolchee ykn Arteefishiyaal Inteelejeensii odeeffannoo jiru gabaasuufis ta’e qooduuf sadarkaan haaraan akka uumaamuuf aangoo kenneeraaf.

Itti Aantuu PirezdaantiiKaamilaa Haaris
Haaris wayita hooggantuu abbaa alangaa Kaalifoorniyaa turtetti dhaabbilee teekinooloojii to’achuuf tattaafii taasiifteen kutaa raawwachiisuu fi eegumsa dhuunfaa uumtee ture. Haala misooma sammuu namtolchee ykn Artifishiyaal Intelejeensii yokaan sammuu nam- tolchee irratti seerri kallattii fi to’annoon itti taasifamu jiraachuu akka qabu haa gaafattuyyuu malee buufta kaampaaniilee teknooloojii ‘Siilkaan Vaalii’ jedhamu waliin walitti dhufeenya gaarii qabdurraa dhaabbilee Teekinooloojii irraa deeggarsa qabdi.
QORICHA SAMMUU NAMAA ADOOCHU

PirezdaantiiJoo Baayden
Baayideen yeroo Senaatara turetti warra qoricha sammuu namaa adoochaniratti qabsa’aan keessaa tokko of taasiisuun isaa, duula qoricha sammuu namaa adoochanii irratti jalqabauuf isa gargaareera. Bara 1970 moota irraa eegalee nama qoricha sammuu namaa adoochu Maariwaanaan seera qabeessa akka hin taane mormuu fi seeronni adabbii namoota qoricha sammuu namaa adoochaan fayyadaman irratti dachaan akka dabalu nama deeggarudhas. Haa ta’u malee ejjennoon Baayideen yeroo ammaa Maariwaanaan yakka irraa bilisa ta’uu fi yaala qorichummaaf akka oolu sadrkaa deeggaruutti dhafaniiru.

Itti Aantuu PirezdaantiiKaamilaa Haaris
Kaamalaa Haaris jalqabarraa Maariwaanaan seera qabeessa taasifamuu ni mormiti. Haaris ammammoo sadrkaa Federaalaatti seera qabeessa taasiisuu kan deeggartuu fi murtiin duraanii akka haqamu barbaaddi. Kana malees wixinee imaammata gibira Maariwaanaa irratti taa’uu dhiyyeessuun hawwasni xixiqqaan Investimentii isaa irratti akka hirmaatus jetti.
DALDALA

PirezdaantiiJoo Baayden
Seneetii keessatti yeroo hundaa walii galteewwan daldala bilisaa kanneen akka NAFTA ( walii galtee daldala bilisaa Ameerikaa Kaabaa) akkasumas kan bakka isaa buufame USMCA ( Walii galtee daldala bilisaa Yuunaayitid Isteetisi, Meeksikoo fi Kaanaadaa) deeggara. Dabalataanis yroo bulchiinsa Obaamaa wali galteerra kan ga’ame Tumsa qaxxaamura Paasifikii (TPP) deeggareera. Erga Tiraampi walii galticha addaan kuteen booda garuu innis irra hin deebi’iin hafeera.

Itti Aantuu PirezdaantiiKaamilaa Haaris
Haaris walii galtee daldala bilisaa Ameerikaaa Kaabaa akka mormitu ibsiteetti , akkasumas walii galtee daldalaa Yuunaayitid Isteetisi , Meeksikoo fi Kanaadaa gidduu sababa inni jijjiirama qilleensaa irratti kufaatii agarsiiseef isa hin deeggarre. Akkasuma walii galtee daldalaa isa qaxxaamura Paasifikis ni mormiti lafarratti humni ga’aan hin jiru, eegumsa naannoofillee hin taasisan jechuun.
“Yoo isaan tarkaanfii fudhachuu dadhaban, akka pirezidaantii Ameerikaatti, waliigaltee Haaraa Magariisaa dabarsuudhaaf 'filibuster' fayyadamuuf qophaahera.”
Itti Anntuu Pirezdaantii Kaamilaa Hariis marii jijjiirrama qilleensaa CNN irratti, 2019
HOJIMAATA MANA MAREE


PirezdaantiiJoo Baayden
Baayideen qaama lamaanirraayyuu dinqisiiffannaa kan argate isa paartii xiqqaan paartii sagalee 60 gadi argate dhaabsiisuu danda’a kan jedhu mormaa tureera. Haa ta’u malee seerri ulfa baasuu kufaa ta’uu isaa hordofee mirga ulfa baasuu kabachiisuuf ejjennoo isaan ala akka ta’u ibseera.

Itti Aantuu PirezdaantiiKaamilaa Haaris
Haariis jalqaba Rippaabulikaanoota waliin hojjechuuf akka yaaltuu fi yoo seera jijjiirama qilleensaa filannoo isa paartii xiqqaan ,paartii sagalee 60 irra jireessaan argachuu dhabe danquu danda’a jedhuun yoo kufaa taasifame garuu seerri filannichaa akka haqamuu qabu kallattii agarsiifteetti.
Kaamalaa Haaris akka Itti aantuu Pirezidaantii taatee yommuu hojjechaa jirtutti ejjennoo Pirezidaanti Baayideen kan deeggartu yommuu ta’u lamaan isaanii walitti dhiyeenyaan hojjechaa turaniiru. Pirezidaantummaan kan itti fuftu yoo ta’e Imaammatoonni bara bulchiinsa Baayideen tokko tokko itti fufsiifamuu hin oolan, garuummoo duloota filannaa isheen kana dura taasisaa turte yommuu ilaalamu dhimmoonni keessa deebi’amanii qindaa’an akka jiraachuu malan namatti agarsiisa.